Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obalaa Obalaa - Lammiwwan Ameerikaa Haarawa Siyaasatti Dhufan Keessaa


Obalaa Obalaa - Lammiwwan Ameerikaa Haarawa Siyaasatti Dhufan Keessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:20 0:00

Obalaa Obalaa biyya Itiyoophiyaa, bulchiisa naannoo Gambeellaa keessatti guddate. Achitti fixinsa jamaa geggeessameen eessumni isaa fi namoonni dhibba hedduun dhumuu ijaan argee, ofii lubbuu baafate.

Torbanneen lamaaf lafa gaaraa fi dachaa rakkisaa keessa miillaan deemee mooraa baqattootaa Keeniyaa keessa jirutti bahe. Waggoota 10 mooraalee baqattootaa keessa jiraatetti yeroo baay’ee waan nyaatuyyuu hin qabu ture.

Amma garuu magaalaa isa simattee, Awustin ka kutaa Minesootaa keessatti miseensa Mana-maree magaalaa tahuun filatame. Miseensa mana-maree tahee tajaajiluuf baqataa isa duraa, godaantuu isa duraa fi gurraacha isa duraa ti. Galma kana akka gahu shakkii tokkollee akka hin qabaatiin dubbata.

Waa’ee duula na filadhaa geggeessaa ture ennaa ibsu, “mana namoota fuula koo beekanii irra deddeemee balbala rurukkutuu ennaan jalqabu anaa fi gurmuu kootiif dubbiin salphataa dhufe. Waan rakkoo nutti tahe nama hunda miti kan telviiziyoona ilaalu, kan barruulee dubbisu. Kanaaf mul’atan ittiin dorgomu namootatti himuu tu na irra ture.

Jiraattotaa fi namoota sagalee kennanitti ana namni sirriin filatamuu qabu jedhee itti himuu tu na irra ture. Keessumaa akka nama dhiheenya magaalattiitti godaanetti, akka nama Ameerikaa keessa waggoota jaha qofa jiraatetti, akka nama waggoota xiqqoo dura kittaa fi fiddoo tokkoo harkatti qabatee mooraa baqattootaa keessaa bahee as dhufee fi amma waajira hoogganummaaf dorgomaa jiruutti ulfaataa dha. Garuu, namoota sagalee kennanitti kan ani hime abjuu Ameerikaa jechuun Ameerikaa dhufuuf duuressa tahuu akka si hin barbaachisne, harka duwwaa biyya kana dhuftee, yoo jabaattee hojjette abjuu yokaan mul’ata Ameerikaa jiraachuu akka dandeessu dha. Seenaan koo isaan amansiisee sagalee naaf kennan,” jedhe.

“Akka nama Gaambeellaa Itiyoophiyaa dhaa baqatee biyyaa bahee fi mooraa baqattootaa keessa, yeroo tokko tokko otuu homaa hin nyaatiin guyyaa lamafaa tureetti, akka nama mana barnootaa gaarii tokko hin deeminitti, mul’anni Ameerikaa anaaf jireenya miijawaa jiraachuu, namni haatii fi abbaan isaa akka itti konkolaataa oofan hin beekne, konkolaataan oofu qabaachuu, mucaan koo boor maalan nyaadha, jettee bakka hin yaaddofne jiraachuu dha. Abjuun Ameerikaa anaaf bakkan itti hawaasa tajaajiluu fi gargaaruu danda’uu kootiin lammii Ameerikaa jedhee of waamuu kiyyatti baay’ee boonu. Abjuu Ameerikaa jechuun anaaf waan samuun kiyya itti xiyyeeffate tokko yoon jabaadhe hojjedhe argachuu danda’uu kiyya. Abjuu Ameerikaa ani akkanattan hiikkadha, jedhe - Obalaan.

Filannoo Kibxata, gaafa Sadaasa 3 bara 2020 Ameerikaa keessatti gegeessamet irratti, lammiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afrikaa haarawa siyaasatti dhufan yoo xiqqaate 5, kanneen taayitaa magaalaaf, kutaa biyyaa yokaan federaalaaf filataman keessaa Obalaa Obalaa nama tokko.

XS
SM
MD
LG