Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Duula Waraanaa Gaggeeffamaa Jiru Dhaabuun Rakko Jiru Mariin Furuu Qabu: Seneetaroota Amerikaa


Seeneetar Baab Menendeez fi Seeneetar Elizaabeet Waaren
Seeneetar Baab Menendeez fi Seeneetar Elizaabeet Waaren

Mootummaan Fedeeraalaa kan Itiyoophiyaa fi aangawoonni Tigraay battalumatti dhukaasa dhaabiinsa hojii irra olchaniif waamicha hawaasnii addunyaa dhiyeessaa jiru kan deggeran ta'u seeneeta Yunaaytid Isteetes keessatti miseensa gameessa kan ta'an Baab Menendeez ibsanii jiru.

Gam-lameen giddutti hokkarri Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru akkaan yaaddeessaa ta'u fi caalaatti hammaannaan fixiinsaa fi rakkoo dhala namaa kan hammeessu ta'a jedhan.

Walitti bu'iinsii kun dheerannaan kan raafama keessa jiru ce'uumsa Demokraatawaa Itiyoophiyaa keessaa akka sigigaatu godha kan jedhan Menendeez, jtasgabii dhabiinsii fi walitti bu'iinsii kun kutaalee naannotti waan babal'atuuf gam lameen walwaraansa dhaabuun mariin rakkoo isaanii akk furan gaafatan.

Gama kaaniin Seneetarri Maasaachuseet Elizaabeet Waaren hokkarri Itiyoophiyaa keessaa yaaddeessaa ta'u ibsan.Hogganoonni hokkara kana battalumatti qabaneessuun siviloonni Tigraay keessaa gargaarsa dhala namaa akka argatan mirkaneessuu fi mariif akka ta'an , mirgii lammiwwan biyyatti filannoo walabaa fi madaalawaa ta'e gaggeessuuf qaban akka kabajamuuf gaafatan.

XS
SM
MD
LG