Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maadhee Dinni Itti Gargaarama Jenne Barbadeessine: Humna Qilleensa Itiyoophiyaa


Miseensota humna addaa naannoo Amaaraa, Danaashaa, Naannoo daangaa naannoo Amaaraa fi Tigraay, Sadaasa 9, 2020

Mootummaan Itiyoophiyaa Juntaa jedhee kan waamaa jiru hogganno ABUT kan otti gargaaramuu kuufama boba'aa, meeshaalee waraanaa fi kanneen biroo qiyyaafata jala jiran Jettonni waraanaa kan Itiyoophiyaa barbadeessuu ajajaa kan ta'an meejar Jeneraal Yilmaa Mardaasaa sabaa himaa biyya keessaaf ibsanii jiru.

Jettonni keenya sodaa tokko malee iddoo barbaadamee haleelanii yoo uummanni siviliin kan miidhamu ta;e immo meeshaa ituu hin dhukaasiin fudhanii deebi'uu jedhan.

Humnootii badii kan ittiin jedhan ka Tigraay hanga seera duratti dhiyaataniitti akka barbaachiseetti samii irraa haleellaan akka itti fufuu dubbachuu isaanii Mallaskaachoo Ammahaa gabaasee jira.

Gama kaaniin qondaaltonni waraana Itiyoophiyaa kan sadarkaa adda addaa 17 to'annaa jala ooluu isaanii polisiin federaalaa ibsee jira.

Waaltaan ajaja kaabaa Maqalee jiruu fi waaltaan ajajaa kan giddu galeessaa inni Finfinnee jiru qunnamtiin qaban akka cituu gochuuf ABUTf haala mujeessan jechuun shakkamanii qabaman.

Yaadawwan Ilaali (5)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG