Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezdaantiin Bulchiinsa Naannoo Somaalee fi Paartiin Uummata Affar Hiwehaat Balaaleffatan


Pirezdaantii Naannoo Somaalee (suuraa faayilii)
Pirezdaantii Naannoo Somaalee (suuraa faayilii)

Buulchiisa naannoo Somaalee keessatti nagaan bu’uu isaa ka dubbatan – eeggataa Prezidaantiin bulchiisa naannoo Somaalee Obbo Muusxafee Mohaammed, kan irraa eegamu hundaan mootummaa federaalaa deggeruuf qophii dha, jedhan.

Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin gaaffii fi deebii geggeessabiin kan kana dubbatan – Obbo Muusxafeen, “duulli seera kabajchiisuu Tigiraay keessatti geggeessamaa jiru, yeroo gabaabaa keessatti xumurama,” jedhanii akka amanan eeran. Naannoon mariif gaaffii dhiheessuu isaa dura, filannoo seeraa-ala geggeesse kuffisuu fi yakkamtiita of keessa dhoksee kaa’e dabarsee kennuu qaba – jechuu isaanii, Addis Chekkol gabaasee jira.

Paartiin Uummata Affaar Haleellaa Mirga Abbaa Biyyummaa Aggaamame Ittisuf Qophii Ta'uu Beeksise

Haleellaa mirga abbaa-biyyummaa irratti aggaamame kan alaas tahe kan biyya keessaa gamtoominaan of irraa ittisuuf qophii dha, jechuun Paartiin Uummata Affaar beeksisee jira.

Hundeeffamuu paartichaaf sababaan cunqursaa Hiwehaatiin irratti geggeessamaa ture tahuu ka dubbatu, paartichi, “Hiwehaat, ka mirga abbaa-biyyummaa Itiyoophiyaa qormaata keessa galchu,” jechuun balaaleffata.

Gareen Hiwehaatiin hoogganamu, aanaalee bulchiisa naannoo Affaar keessa jiran fudhachuuf jecha, naannoo sana dirree waraansaa gochuuf hojjetaa jira – jedha, Paartichi Uummataa Affaar.

Naannoolee Itiyoophiyaa adda addaa keessatti haleellaalee eenyummaa irratti hundaa’uun geggessaman keessa akka harki Hiwehaat jirutti ibsi paartichaan bahe eeree jira.

XS
SM
MD
LG