Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Naannoo Amaaraa Uummati Tigraay Mootummaa Cina Akka Dhaabatu Gaafatan 


Obbo Teshaager Agenyehu
Obbo Teshaager Agenyehu

Uummati Tigraay raayyaa ittisa biyyaa cina dhaabatee kan badii dalagu garee IWEHAT umurii gabaabsuu qaba jechuu dhaan hoogganaan naannoo Amaaraa inni haarawaan obbo Teshaager Agenyehu dubbatan.

Nagaa naannoo Amaaraa eegsisuuf cimanii akka hojjetanis waadaa seenan. Kan itti gaafatama ol aanaaf gara mootummaa Federaalaatti darban prezidaantiin duraanii obbo Temesgen Xiruneh gama isaaniin inni iijoon yoo hin dhabamsiifamne shororkeessummaan hin dhabamu jechuun sirna geggeessaa isaanii irratti dubbataniiru.

Obbo Agenyehu Teshaager akka jedhanitti ajendaan isaanii investmentii, dargaggootaaf carraa hojii uumuu, qonnaa fi turiizmii irratti akka hojjetan ibsaniiru.

Naannoo isaanii kan mudate qormaata yeroofii irra aanuuf sochii ta’u illee akka isaan deggeran dargaggootaa fi paartilee morkattootaa akkasumas uummata Amaaraaf waamicha dabarsaniiru.

Uummati Tigraay illee raayyaa ittisa biyyaa cina akka dhaabatu gaafataniiru.

XS
SM
MD
LG