Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Naanno Sidaamaa HaleellaaTigraay Keessatti Geggeessamuun Uummata Akka Hin Miidhamne Gaafatee


Kan Raayyaa Waraanaa Irratti Geggeessame Garuu Ni Morme 

Raayyaa waraana biyyaas gaaddisa kan ta’e haleellaa isa irratti raawwatame jedhamu dura dhaabbachuuf adeemsa godhamu keessatti uummati obboleessa ta’e kan Tigraay akka hin miidhamne jiraattonni magaalaa Hawaasaa gaafatanii haleellaa waraana irratti raawwatame balaaleffataniir.

Jiraattonni magaalattii prezidaantii naannoo Sidaamaa fi angawoota naannoo waliin marii ennaa geggeessanitti waggoota 27f uummata same kan jedhan garee IWEHAT irratti tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru kan boodatti harkifate ta’us kan deggeran ta’uu ibsaniiru.

Prezidaantiin naannoo Sidaamaa obbo Destaa Ledaamoo uummatichi dammaqee naannaa isaa akka eegu yaadachiisanii naannoo sana, aanaalee fi gandeen keessatti nageenya uummatichaaf jecha waraqaan eenyummaa haarawaan akka hin kennamne dhorkamuu isaa yaadachiisanii uggurri kanneen biroon illee kaa’amuu isaa ibsaniiru jedha Yonatan Zebdwoos Hawaasaa irraa.

XS
SM
MD
LG