Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaa Keessaa Lakkoobsi Namoota COVI-19n Qabamanii Miliyoona 10 Darbe 


Yunaayitid Isteetis sadarkaa addunyaatti weerara vaayiresii koronaan bakka kauu caalaa dhibeen kun kan itti heddummaatte waan ta’eef hanga Wixata har’aatti biyyattii keessaa uummata miliyoona 10tu vaayiresii kanaan qabaman. Torban darbe Ameerikaa keessaa uummata kuma 100 oltu haaraa vaayiresii kanaan qabaman. Kunis kan baatii tokko dura ture irraa dacha dabalee jira. Guyyaa guyyaatti illee namoota 900tu du’aa jiran.

Kutaaleen walakkeessa gama dhiyaa kanneen akkaan dha’aman yoo ta’u, naannoo kana keessaa namoonni wal’aansa fayyaa fudhatan akkaan hedduu dha. Kan haaraa prezidaantummaaf filataman Joo Baayiden baatii Amajjii keessa ennaa aangoo qabatan weerara kanatti duuluuf tarkaanfii fudhatuu xiinxaluuf kibxata har’aa gurmuu dhimmi vaayiresii koronaa irratti hojjetu kan ofii waliin mari’achuuf jiru. Main isaaniss COVID-19 irra aanuu dhaaf karoora jiru beeksisuuf jiru.

Kan yeroo ammaa gurmuu ittisa koronaa bulchiinsa Trump hoogganan itti aanaa prezidaant Maayik Peens erga Onkoloolessa 20 qabee yeroo jalqabaaf gurmuu ofii isaanii wal ga’iif waamuuf jiru.

Biyyootii Awroopaa kanneen uggura sochii labsan dabalatee daariqi ykn infekshiniin COVID-19 kutaalee addunyaa keessatti akkaan dabalee jira. Addunyaa irraa miliyoona 50 yoo darbu miliyoonni 1.2 du’anii kanniin miliyoona 33 ta’an immoo dandammataniiru.

XS
SM
MD
LG