Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoota Torban Dabre Gullisoo Keessatti Uuammata Nagaa Ajjeesan Irratti Tarkaanfiin Fudhatame, Jedhu Bulchaan Wallagga Lixaa  


Bulchiinsi Godina Wallagga Lixaa, “haleellaa Gullisootti torban dabre namoota nagaarratti torban raawwatame hordofuun, namoota qe’ee ofiirraa buqqa’aniif deggersi taasifamaa jira,” jedhe. Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Eliyaas Uummataa, hidhattoota “ABO Shanee haleellaa kana raawwatan irrattis tarkaanfii fudhanneerra” jechuun ibsan.

Baay’ina namoota tarkaanfii kanaan ajjeefamanii ibsuurraa of qusatanis, haleellaa Gullisootiin, namootni ajjeefaman saba tokko qofaarraa miti, jedhuun dubbatanii jiran, Bulchaan Godina Wallagga, Obbo Eliyaas. Namootni sababaa halellaa kanaan qabne 45,” jedhan.

Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Oromiyaa, Araarsaa Mardaasaa ibsa Sabaa-himaaleef, Sanbata dheengaddaa kennaniin, Wallagga Lixaatti miseensota “ABO Shanee” 24 ajjeesne,” jedhanii turan.

Kana mirkaneeffachuuf jecha, dubbi-himaa hidhattoota mootummaan “ABO Shanee” jedhee waamu, ka Waraana Bilisummaa Oromoo bilbilaan argachuuf yaaliin goone hin milkoofne.

Hidhattoota Torban Dabre Gullisoo Keessatti Uuammata Nagaa Ajjeesan Irratti Tarkaanfiin Fudhatame, Jedhu Bulchaan Wallagga Lixaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:53 0:00


XS
SM
MD
LG