Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummicha Ministaraa Itiyoophiyaa: Kaayyoon Tarkaanfii Naannoo Tigiraay Keessattii Shaffisaan Hojii Irra Oolfamaa Jira


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

“Akkuma gurmuun yakkamtootaa hidhannoo hiikkachiisamee fi mootummaan seera-qabeessi naannoo sanatti deebisamee gad-dhaabbatetti tarkaanfiin kun ni dhaabata. Jarreen seera jalaa baqatan murtii seeraatti dhihaatu,” jechuun – har’a fuula Twiterii isaanii irratti barreessan, muummichi-ministaraa Abiyyi. Tarkaanfiin waraanaa sunis akkuma karoorfametti ka geggeeffamaa jiru tahuu dubbatan.

Kanumaan wal-qabatee Raayyaan waraanaa Itiyoophiyaa , dirree xayyaaraa Humeraa fi magaalaalee naannoo sanaa ijoo tahan qabachuu isaa beeksise, jechuun Eskindir Firew Finfinnee irraa gabaasee jira.

Maddi oduu yokaan Miidiyaan Tigiraay immoo, kan humnoonni Federaalaa dirree xayyaaraa Humeraa qabanne, jedhan haalee jira. Gama biraatiin, Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa akka gabaasetti, hoogganaan bulchiisa naannoo Tigiraay – Dr. Debre-tsiyoon Gabre-Mikaa’el, “Mootummaan Ertiraa har’a karaa Baadimmee weerara nu irratti geggeesse,” jechuun balaaleffatanii jiran. Dr. Debre-tshoon ibsa har’a kennaniin, “weera mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Amaaraan nu irratti baname otuu of irraa aggataa jirruu, mootummaan Ertiraa immoo isaan gargaarsuudhaan karaa dudduubaa nu waraane,” jedhan. Kaleessas, meeshaaleen waraanaa guguddaan Ertiraa irraa gara Humeraatti dhukaasamaa akka turetti dubbatan. Hojiin of irraa ittisuu keenyaa waan jabaateef sodaatanii, humna alaa kadhatanii nu waraanaa jiran – jechuu isaanii, Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG