Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaykaadraa Keessatti Ajjechaan Ta'e Duguggaa Sanyii Ti: Angawaa


Miseensota milishaa naannoo Amaaraa lola Adda Bilisummaa Uummata Tigraay wajjin godhamuu irratti hirmaachuuf deemaa jiran, Sanjaa, Sadaasa 9, 2020
Miseensota milishaa naannoo Amaaraa lola Adda Bilisummaa Uummata Tigraay wajjin godhamuu irratti hirmaachuuf deemaa jiran, Sanjaa, Sadaasa 9, 2020

Mootummaa Fedeeraalaa fi ABUT giddutti wal waraansii eega jalqabamee torban kan dabree yoo ta'u raayyaan ittisa biyyaa, humnootiin addaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa fi milishoonni wal ta'uun Walqaayit Xagadee fi iddoo biraas to'annee jedhu.

Kaleessa Humaraatti dhiyoo kan taate magaala Maaykaadraa keessatti dhalattoota Amaaraa irratti humnii injifatamee ittiin jedhan kan Tigraay yakka duguggaa sanii rawwate jechuun kan haaraa muudaman bulchaan bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Aganyawu Tashaagar ibsanii jiru.

Gochii yakkaa kunis mana murtii addunyaa kan yakka qoratuun kan ilaalamuu ta'a jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa kan bulchiinsa naanoo Amaaraa namoonni meeqa akka ajjeefaman hin ibsinee jechuun Ateer Misgaanaawu Baahir Daar irraa gabaastee jirti

XS
SM
MD
LG