Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa Maaykaadraa Keessatti Raawwatame Mootummaan Akka Qoratu Amnestii Internaashinaal Gaafate 


Amnesty Logo
Amnesty Logo

Gareen mirga namaaf falmu Amnestii Internaashinaal gabaasa haaraa har’a baaseen naannoo Tigraay kibbaatti kan argamtu magaalaa Maaykaadraa keessatti reeffi namoota haala suukaneessaan ajjeefaman kanneen dhibaan laka’amu argamuu isaa fi ajjeechaan sunis sadaasa 30 bara 2013 galgala raawwatamuu isaaf ragaa kan qabu ta’uu beeksise.

Ajjeechaa Maaykaadraa Keessatti Raawwatame Mootummaan Akka Qoratu Amnestii Internaashinaal Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:05 0:00

Waraansa keessatti lammiiwwan hirmaannaa tokko iyyuu hin qabaanne fixuun yakka waraanaan kan gaafachiisuu dha jedhee jira.

Daayirikterri bahaa fi kibba Afriikaa kan dhaabihaa Dipiroos Mucheenaa waraansa geggeessamaa jiru waliin hidhata tokko illee kan hin qabaannee, hojjettoota guyyaa namoota fakkaatan fi sivilota lakkoobsi isaanii hedduu ta’e ajjeefamuu isaanii mirkaneessineerra jedhan.

Kun yeroo ammaa Tigraay keessaa quunnamtiin addaan waan citeef amma baruu kan hin dandeenye haala gocha suukaneessaa kanaa kan nu ibsuu danda’u yeroon gaafa ga’u qofa jedhan.

Dhaabbatichi yeroo rakkoon uumamu mala itti mirkaneessu, mala suraalee dijitaalii fi suraalee saatelaayitii gargaaramuu dhaan qorannaa geggeesseen viidiyoowwan suukaneessaa reeffi gatamee fi siree irra kaa’ame fi suraaleen guyyaa tuqame kana Maaykaadiraa keessatti kaafamuu isaanii mirkaneessuu isaa beeksise.

Amnestiitti qorataa dhimmootii mirga namaa kan gaanfa Afriikaa obbo Fissehaa Tekilee suraalee kanatti dabalee dhimmootii kana kan ibsan namoota ijaan argan dubbisuu isaanii VOAf ibsaniiru.

Yeroo sanatti reeffa namootaa kanneen walitti qabanii fi kanneen madaa’an adda baasuu dhaan hospitaalatti namoota deeddeebisaa turre dubbisnee jirra kan jedhan obbo Fisehaan fixiinsi sun kan raawwatame lammiiwwan nagaa waraansa keessatti hin hirmaanne irratti jedhan.

XS
SM
MD
LG