Xurree ittiin seenan

Breaking News

Liibiyaan Filannoo Geggeessuuf Walii Galtee Irra Geesse: Tokkummaa Mootummootaa 


Jiloonni Liibiyaa baatilee 18 keessatti wal waraansa kurna tokkoof turee fi jeeqama biyyattii keessaa xumuraan ga’aanii filannoo paarlaamaa fi prezidaantif karoora jiru irratti walii galan. Tokkummaa mootummootaatti bakka bu’aa yeroofii kan ta’an Stephanie Williams fooya’inni argame injifannoo dha jedhan.

Jaarmiyichi sadarkaa addunyaa torban kana lammiiwwan Liibiyaa 75 Tuuniiziyaa keessattti mariif walitti fidee jira. Wiiliams kaleessa tuuta oduuf ibsa kennaniin fooya’ina dhugaatu jira, kan nuti irratti fuuleffachuu barbaannuu fi jajjabeessinus isa kana jedhan. Jiloonni kunis filannoof qophaa’uu akkasumas tajaajila kennuu kan dandeessisu karoora mootummaa yeroofii hundeesuuf hojjetaa jiran.

Liibiyaan bara 2011erga hoogganaan ishee yeroo dheeraa Moammar Gaadaafiin aangoo irraa fonqolchamanii qabee jeeqamaan raafamaa jirti.

XS
SM
MD
LG