Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Tigraay Labsii Yeroo Hatattamaa Labse


Kibxata darbee qabee hojii irra kan oolu labsiin kun waraana Tigraay irratti baname dura dhaabachuuf akka ta’e mootummaan naannoo Sanaa beeksisee jira. Kaabineen mootummaa naannoo Tigraay kibxata darbe wal ga’ii geggeesseen nageenya uummatat Tigraay eeguuf akkasumas weerara irraa eeguuf jecha labsii yeroo hatattamaa kana labsuu beeksise.

Akeeki labsii kanaa uummati Tigraay mirga heerri kenneef ofiin of bulchuuf mirga kennameef mirkaneessuuf filannoo geggeessee mootummaa fudhatama seeraa qabu hundeessuu isaaf mootummaan federaalaa mootummaa uummataan filatame mootummaa naannoo Tigraay diigee uummata bituuf waraana ifaa waan labseef jedha. Humni injjifatamuun walii gala kan irra ga’e kun mootummaa Eertraa waliin ta’uu dhaan nageenya uummataa balaa irra buusuu isaaniin kan labsamee dha jedha.

Garaagarummaan siyaasaa seeraa fi marii dhaan, ol aantummaan biyyaa dhiitamuun immoo eegumsa humna ittisaan tiksamuu qaba ture jedha labsiin sun.

Haa ta’u malee kan aangoo of harkaa qabu mootummaan federaalaa akka labsichi jedhutti mootummaa paartii tokkkoo abbaan irree gareen Abiy Ahimed sirna heeraa diiguu dhaan biyya ormaatti dabarsee kennuu isaatiinii jedha. Kanaaf jecha mootummaan seera idileetti fayyadamee weeraa isa mudate to’achuun ulfaataa waan ta’eef jecha labsiin kun labsamee jedhee jira.

Akka labsii sanaatti nageenya uummata Tigraay balaaf saaxiluu, naannoo sana keessa kan jiran paartilee siyaasaa ykn waaltaa dhuunfaa fi mootummaa irratti hojii shororkaa raawwachuu, basaasu, sirna heera mootummaa naannoo diiguu, hojii yakkaa qidaa’e fi bu’uura misoomaa irraan miidhaa ga’uu labsiin sun dhorkee jira.

Labsiin sun hagamiif akka ture hin ibsamne. Magaalaa Meqelee keessaa hanga yoonaa tajaajille baankii, bilbilaa fi interneetii addaan cite jira. Gama biraan naannoo Maaykaadraatti humni addaa Tigraay heddumminaan namoota ajjeesee yakka fixiinsa sanyiitu geggeessame jedhame itti aanaan waajjira kominikeeshinii naannoo Sanaa obbo Haddush Kaasuu kun uummata Tigraay irratti fixiinsa sanyii geggeessamu itti fufuuf ta’e jedhamee olola kijibaa ti oofamaa jiru jedhan jechuun Mulugeta Atsbehaa Meqelee irraa gabaaeera.

XS
SM
MD
LG