Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dhimma Alaa Itoophiyaa Itti Aanaa Ministrii Dhimmootii Afriikaa Waliin Marii Geggeessan 


Itti aanaa muummichi ministeeraa fi ministriin dhimmi alaa Itiyoopiyaa Demeqee Mekonnin kaleessa sadaasa 2 bara 2013 akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti dhimmootii Afriikaatti itti aanaa ministrii kan ta’an waliin haala yeroo Itiyoopiyaa keessaa irratti bilbilaan marii geggeessanii jiran.

Obbo Demmeqeen mootummaan naannoo Tigraay kkeessatti geggeessaa jira kan jedhan hojii seera eegsisuu Tiibor Naaziif ibsaniiru. Dandeettiin waraanaa IWEHAT ennaa dhabamsiisam, kanneen haleellaan irratti raawwatame miseensonni raayyaa ittisa waranaa biyyaa ennaa walaba ba’an akkasumas naannoo sana keessatti ol aantummaan seeraa ennaa mirkanaa’u duulli sun akka dhaabatu Ameerikaatti itti aanaa ministrii dhimmootii Afriikaa Tiiboor Naaziif ibsaniiru.

Obbo Demmeqeen naannoo Tigraay keessatti labsii yeroo hatattamaa mootummaan labsee fi hojiiwwan labsii sanaan wal qabate illee ibsaniifii jiru. Filannoon prezidaantummaa Ameerikaa milkaa’inaan xumuramuu isaafi ilee obbo Demmeqeen gammachuu itti dhaga’aame Tiibor Naaziif ibsanii baga gammaddan ittiin jedhan.

Tiboor Naazis gama isaaniin nageenyi Itiyoopiyaa nageenya naanoo Sanaa mirkaneessuuf murteessaa akka ta’e ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG