Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Guyyaa Tokkotti Lakkooba Namoota COVID-19n Qabaman Guddicha Galmeessite 


Yunaayitid Isteetis roobii kaleessaa lakkoobsa namoota vaayiresii koronaan qabaman guddaa galmeessitee jirti.

Galmeen projektii waa’ee vaayiresii koronaa hordofuu akka mul’isetti guyyaa tokko dura kan galmeessame lakkoobsa namoota COVID-9n qabamaii 136,000 caalaa namoota 144,000 guutummaa biyyattii keessaa guyyaa tokkotti qabamuun beekamee jira.

Galmeen kun itti dabaluu dhaan namoonni 65,368 dhibamanii mana yaalaa kan dhaqan yoo ta’u lakkoobsi kun guyyaa tokko dura 61,964 ture.

Namoonni 1,421 roobii kaleessaa du’uun gabaasamee jira. Walumaa gala Ameerikaa kessaa namoonni miliyoonni 10.4 vaayiresii kanaan kan qabaman yoo ta’u kanneen 241,000 ol ta’an du’uu galmeen Yuniversitii Joons Hopins irraa argame beeksisee jira.

Kutaa Kaalifoorniyaa keessaa namoonni miliyoonni tokko vaayiresii kanaan yoo qabamuu dhan kutaa Teksaasitti aanuu dhaan namoonni baay’een COVID-19 qabamaniiru.

Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG