Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannolee Itiyoopiaa Adda Addaatti Hiriirri Geggeessame 


Namoota loltoota waraana irratti madahaaniif dhiiga kennuuf staadiyamii Finfinneetti argaman keessaa, Sadaasa 12, 2020
Namoota loltoota waraana irratti madahaaniif dhiiga kennuuf staadiyamii Finfinneetti argaman keessaa, Sadaasa 12, 2020

Namoonni kumaan laka’aman daandilee Itiyoopiyaa keessaa irra hiriiruu dhaan "tarkaanifi seera eegsisuu" jechuudhan mootummaan Itiyoopyaa IWEHAT irratti fudhateef deggersa qaban ibsaa jiran.

Kanneen hiriira kana irratti hirmaatan haleellaa gareen IWEHAT maadhee raayyaa ittisa waraana biyyoolessaa kan waaltaa ajajaa gama kaabaa irraan ga’e ilaalchisee aarii qaban ibsanii jiran.

Naannoo Somaalee keessatti hiriirri kun godinaalee 11 fi bulchiisawwan magaalaalee keessatti geggeessamee jira. Prezidaantiin naannoo Somaalee Musxefee Mohaammed akka jedhanitti tarkaanfiin seera eegsisuu IWEHAT irratti fudhatame kan dhaabatu yakkamtoonni dahatanii jiran ennaa qabaman qofa jedhan.

Hiriirri wal fakkaatu Hawaasaa, Jimmaa, Aggaaroo, Semeraa fi magaalaalee ka biroo keessatti geggeessameera jechuu dhaan Addis Chekol gabaaseera.

XS
SM
MD
LG