Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walii Galteen dhabamuun Filannoo Biyyoolesssaa Somaaliyaa Danquu Mala 


Somaaliyaan filannoo paarlaamaa fi prezidaantii geggeessuu ilaalchisee yeroo qabameef boodatti hafaa kan jirtu ta’uu gareen walitti bu’iinsa addunyaa addunyaa qoratu ICGn beeksisee jira. Braasels keessa gareen maadheffate kun adeemsici walii galteen dhabamuu fi malli ittiin ba’iin filannoo falmisiisaa ta’e itti keessummeessamu waan hin jiraanneef yaaddessaa ta’uu walitti bu’iinsa ittisuuf yeroon aangoo akka dheeratu waamicha dabarsee jira.

Mootummaan Somaaliyaa baatii Guraandhalaa keessa karoorri inni filannoo geggeessuuf qabuu filannoo marsaa duraa irratti gosoota isaanii bakka buusuuf filannoo geggeessametti gareelee hin gammanne biraa mormiin isa mudatee jira.

Somaaliyaan filannoo kallattii hin ta’in geggeessamuun miseensota paarlaamaa filachuuf filannoo addaa geggeessu. Sanaanis seera tumtoota 275 fi seneteroota 59 fi prezidantii filatu.

ICGtti xiinxalaa dhimmi Somaaliyaa kan ta’an Omar Mahmood, walii galtee dhabuun sun adeemsa filannoo miidhuu mala jedhan.

XS
SM
MD
LG