Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa'ee Waraansa Raayyaa Federaalaa fi Loltoota HIWEHAT Gidduutti Deemaa Jiruu Xiinxaltoonni Sadarkaa Addunyaa Yaaddoo Qaban  


Faayilii - Milishaa naannoo Amaaraa magaala Sorokaa, Sadaasa 9, 2020
Faayilii - Milishaa naannoo Amaaraa magaala Sorokaa, Sadaasa 9, 2020

Waraansi humnoota mootummaa Itiyoophiyaa kan akka walaba tahetti of ilaalu naannoo Tigiraay keessatti humnoota Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay waliin geggeessaa jiru, biyya Afrikaa keessatti baay’ina uummataan lammaffaa taate Itiyoophiyaa keessatti gara wal-waraansaatti bal’achuu mala, yaaddoo jedhu uumee jira.

Waa'ee Waraansa Raayyaa Federaalaa fi Loltoota HIWEHAT Gidduutti Deemaa Jiruu Xiinxaltoonni Sadarkaa Addunyaa Yaaddoo Qaban
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:40 0:00

Yoo wal-waraansi kun itti fufe, gara naannoo sana tasgabii dhorkuutti babal’achuu mala, ka jedhu yaaddoo ka biraa akka tahe dubbata – gabaasaan Mohammed Yusuuf, Keeniyaa, Naayiroobii irraa erge.

Dhaabbata “International Crisis Group” jedhamutti, Sagantaa Dhimma Afrikaatti Daarektar ka tahan, Komfort Iroo, waa’ee wal-waraansa kanaa ennaa dubbatan, "amma kan ilaalaa jirru waraansi daran itti fufuu isaa ti.

Gama lameenuu, iddoo jiranitti miilla gad-dhaabbatanii jiraachuu isaanii ti. Otuma humnoonni Tigraay cabsamanii, humnoonni mootummaa irra bahaniiyyuu, haleellaa of irraa ittisaa jabaa arguu malta, lola akka riphxee-loltummaatti gama sanaa geggeessamu.

Sun tahuu ni mala. Jarri Tigiraay yeroo dhihootti mootummaa Finfinnee jiruuf bulu ilaalcha jedhu hin qabnu. Waraasa dheeraa fi babal’atu tahuu mala," jedhu Komfort Iroo.

Dhaabbata “Risk Advisory Group” jedhamutti, Toomaas Marfii xiinxalaa tika nagaa biyyoota Afrikaa Uffee Sahaaraa Gadii ti. Yoo mootummaan loltoota Tigiraay injifachuu dadhabe rakkoo daran akka biyyattii fiduu malu dubbatu. Hayyuun siyaasaa, Awwal Aloo, gama isaaniitiin karaa humna qawween rakkoo biyya sanaa furuu yaaluun, daranuu biyyattii addaan qoqqooduu mala, jedhu.

XS
SM
MD
LG