Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Yunaaytid Isteets Somaaliyaa Keessaa Baafamuu Malu Jedhamuun Biyyattii Yaaddoo Keessa Galche


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Ka prezidaant Traampiin ajajame jedhame, yaadi loltoota Yunaayitid Isteetis Somaaliyaa keessaa baasuu, balaa guddaa ka fidu – gochaa garee Al-shabaab fi gurmuulee shororkeessotaa humna-jabeessu tahuu dubbatu – seera-tumtoonnii fi aangawoonni waraanaa Somaaliyaa.

Dhimma ittisa biyyaa Somaaliyaaf Koree Mana-maree ol’aanu keessatti barreessaa ka tahan – Seneeter Ahimed Hashii, yaadi dhihaate kun, “prezidaant Traamp yeroo hamtuutti dugda isaa Somaaliyaatti deebifachuu,” wajjiin wal-qixxee akka taheetti ilaalama, jedhan.

“Yeroo biyyattiin gara filannootti deemaa jirtuu fi haalli sodaachisaan gama shororkeessotaa tii dhufu jabaa tahee jirutti, yeroo Yunaayitid Isteetis irraa garagaarsa barbaadnutti loltoonni Yunaayitid Isteetis Somaaliyaa keessaa ba’uun, nuuf miidhama guddaa dha. Shorokeessata immoo hamilee isaanii ol kaasa, “ jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, kutaa Afaan Somaaleetti dubbatan – Hashiin.

Filannoon paarlaamaa Somaaliyaa xumura baatii Muddeetti, filannoon prezidaantummaa immoo yeroof baatii Guraandhalaatti karoorafamee jira. Prezidaant loltoota Yunaayitid Isteetis Somaaliyaa keessa jiran 700 guutummaatti biyyattii keessaa baasuuf karoorfachuu isaanii, gaazzexaa Niwu Yoork Taayimsi tu torban kana keessa gabaase.

XS
SM
MD
LG