Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Nagaa Tigraay Keessaaf Ilaalchi Duraa Kennamuu Qaba: Jaarmayoota Gargaarsaa


Ijoollee hoteela Humaraa keessatti haleellame funduratti tabattu, Tigraay, Sadaasa, 22, 2020
Ijoollee hoteela Humaraa keessatti haleellame funduratti tabattu, Tigraay, Sadaasa, 22, 2020

Mootummaan Itiyoopiyaa waraanni Tugraay akka harka kennaniif kennuuf bellama guyyaa sadii yeroo kennee jiru kanatti humnootiin Itiyoophiyaa nageenya siviloota Tigraay keessaaf ilaalcha duraa akka kennaniif gareeleen mirga dhala namaaf falman kan addunyaa gaafataa jiru.

Golli naga eegumsaa kan Tokkummaa mootummotaa haala Itiyoophiyaa keessaa kan ilaaleen har'a yeroo duraaf mari'ata jedhamee eegama.

Kan prezidaantummaa Yunaaytid Isteetesiif filataman Joo Baaydiin ministeera haajaa alaaf kan maqaa dhahan Tonii Bliinkin rakkoo gargaarsa dhala namaa kan Itiyoophiyaa keessaa, hokkarri gosa irratti qiyyaafate jiraachuun gabaafamuun akkasumas nagaa fi nageenya kutaa sanaa akkaan kan isaan yaaddeesse ta'u ibsan.

ABUT fI aangawoonni Itiyoophiyaa walitti bu'iinsa kanatti xumuura tolchuun, karaa gargaarsii dhala namaa seenu akka bananii sivilootaaf eegumsa barbaachisu akka godhan gaafatan.

Ministriin dantaa alaa JarmaniiHeeykoo Maas ibsa baasaniin yeroo ammaa walitti bu'iinsii Tigraay keessaatti gaggeeffamaa jiru biyyatti addaan qodee uummata midhuun biyya ollaa irratti dhiibbaa akka qabuu fi akkaan balaa'amaa ta'u ibsan.Walitti bu'iinsa kanaaf furmaanni karaa siyaasaa akka argamuuf wal waraansii qabbaneessun barbaachisaa ta'u hubachiisan.

XS
SM
MD
LG