Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi-minisaraa Abiyyi Akka Humnoonni IWEHAT Harka Kennan Daangaa Yeroo Kennuu Isaanii fi Yaada Qaamota Adda Addaa  


Muummee minisaraa Abiyyi Ahimad (suuraa faayilii)

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Abiyyi Ahimad, hoogganoonnii fi loltoonni IWEHAAT sa’aatii 72 keessatti akka harka kennatan, daangaa yeroo kennanii jiran.

Hoogganaan IWEHAAT Debre-tsihoon Gabre-mikaa’el immoo, madda oduu Rooyitersiif ibsa kennaniin humnoonni isaanii waraana federaalaa fuul-dura tarkaanfachuu akka dhorkanii jiran dubbatan.

Qarattuun mirga namoomaa sadarkaa Addunyaa Leytishaa Baader yaada Muummicha-ministaraa sana ilaalchisuun deebii twiiteriin kennaniin, “guutummaa magaalattiitti xiyyeeffachuun adabbii jumlaa ti,” jedhan. Gabaasaa guutuu caqasaa

Muummichi-minisaraa Abiyyi Akka Humnoonni IWEHAT Harka Kennan Daangaa Yeroo Kennuu Isaanii fi Yaada Qaamota Adda Addaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:27 0:00


Yaadawwan Ilaali (11)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG