Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Namni Vaayiresii Koronaaf Saaxilame Yeroo Guyyoota 14 Inni Qofaatti Of Baasu Gad Xiqqeessuuf Jirti 


Dhaabbati to’annoo fi ittisa dhukkuboota Yunaayitid Isteetis yeroo itti namni COVID-19n qabame qofaatti of baasu gad xiqqeessuuf itti yaadaa jira.

Qajeelfamni yeroo ammaa jiru namni vaayiresii kanaaf saaxilame guyyoota 14 qofaatti kan of baasu yoo ta’u angawaan dhaabbatichaa kaleessa akka jedhanitti yoo namni vaayiresii kanaaf saaxilame qoratamee vaayiresichi keessatti hin argamin yeroo inni qofaa turu akka gabaabbatu garuu hammamiif akka ta’e hin ibsine.

Mootummaan Yunaayitid Isteetis talaallii vaayiresii koronaa marsaa duraa hatattamaan raabsuuf irratti hojjetaa kan jiru yoo ta’u qajeelfama talaallichi itti raggaasisamu eegaa jira. Hoogganaan hojii dhimmi talaallii an mootummaa jeneraal Gustaave Pernaa tuuta oduuf kaleessa ibsa kennaniin talaalliin doosiin miliyoonni 40 kan kampanilee dawaa lamaan oomishaman hanga xumura baatii Muddeetti ni qophaa’u jedhan.

Ameerikaan addunyaa irraa baatii darbe eessa namoonni hedduun vaayiresii kanaan qabaman keessa jiran isee duraa taatee jirti. Guyyaa guyyaatti namoonni 170,000 haaraa vaayiresii kanaan qabauu torban darbe yoo gabaafamu guyyaatti namoota 1,500 ta’antu du’an. Hedduun immoo dhukkubsatanii wal’aansa argataa jrian.

Angawoonni CDC angawoonni kutaalee hedduu, sababaa soda vaayiresiin kun tamsa’a jedhuun uummanni guyyaa ayyaana galataa kabajuuf imaltuu akka hin deemne ykn maatii waliin heddumminaan akka walitti hin tuuchaane waamicha dhabarsaniiru.

Biyyoonni Awrooppaa hangi tokko utuu ayyaanni dhaloota Gooftaa Yesuus hin ga’in dura namoonni manaa akka hin bane uggura kaa’an laaffisuuf karoorsanii jiru. . Prezidaantiin Ferensaay Emmanu’el Makroon kaleessa akka beeksisanitti dilbata dhuftuu qabee suuqileen hangi tokko qofti akka banaman akkasumas weerara vaayiresii kana aka biroo ittisuuf namoonni manaa akka hin bane kan ittisan Muddee 15 qabee kan kaasan ta’uu beeksisan.

XS
SM
MD
LG