Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daangaa Keenya Keessatti Seera Hojii Irra Oolfachuun Mirga Qabna: MM Abiyyi


Muummicha ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad
Muummicha ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad

Muummichi ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad, waa’ee mirga abbaa-biyyummaa biyya isaanii gad-jabeessanii dubbachuun, biyyattiin,“daangaa ishee keessatti seerawwan hojii irra oolfachuun mirga qabdi,” jedhan.

Waa’ee walitti-bu’insa torbanneeniif naannoo Tigiraay keessatti geggeessame keessa akka hawaasni addunyaa harka hin galfannes gaafatan.

Hoogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Jooseef Boorel immoo, kaleessa eega itti aanaa muummicha-ministaraa fi ministara dhimma alaa Itiyoophiyaa Obbo Dammaqaa Makpnnan waliin dubbatanii booda, “walitti-bu’insichi naannoo sana akka hamaatti tasgabii dhorkaa jira,” jechuunjedhan.

Kanaaf akka wal waraansi sun dhaabatuu fi namoota achitti gargaarsa namoomaa barbaadan dhaqqabuuf akka balballi banamu gaafatan.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Daangaa Keenya Keessatti Seera Hojii Irra Oolfachuun Mirga Qabna: MM Abiyyi
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:43 0:00


XS
SM
MD
LG