Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filatamaan prezidaantummaa Joo Baayiden Lammiiwwan Ameerikaa Vaayiresii Koronaa Ittisuuf Cicha Qaban Akka Itti Fufan Waamicha Dabarsan  


Filatamaan prezidaantummaa Joo Baayiden, kaleessa, “Thanksgiving” yokaan Guyyaa Galataa Ameerikaa har’a ayyaaneffamu ilaalchisuun haasawa dhageessisanii jiran.

Yunaayitid Isteetis, Vaayirasii Koranaa irraa akka dandamattu ka dubbaan Baayiden, lammiwwan Ameerikaa vaayirasicha ittisuuf qabsaa’uutti akka cicha isaanii itti fufan waamicha dhiheessan. Yeroo filatamaan prezidaantummaa Baayiden haasawa dhageessisan kanatti, biyyattii keessatti lakkoobsi namoota COVID 19n qabamanii dabalaa jira. Hanqinni wabii nyaataas akkasuma dabalaa jira.

Vaayiresiin koronaa biyyattii keessatti hammaataa adeemus lammiiwwan Ameerikaa qajeelfama jiru boodatti dhiisuu dhaan ayyaana waggaaf jecha imaltuu deemaa jiran. Joo Baayiden haasaa ayyaana galataa ilaalchisuun dhiyeessaniin vaayiresii kanatti waan gochuu jaal’annu dhiisuun akka ta’u waamicha dabarsan.

Filatmaan prezidaantummaa Joo Baayiden lammiiwwan Ameerikaa vaayiresii kana ittisuuf akkasumas vaayiresiin kun akka hin tamsaane tattaaffii godhan dachaa akka dabalan waamicha dabarsaniiru.

Filatamaan prezidaantummaa Joo Baayiden Lammiiwwan Ameerikaa Vaayiresii Koronaa Ittisuuf Cicha Qaban Akka Itti Fufan Waamicha Dabarsan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:12 0:00


XS
SM
MD
LG