Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsa Dhaabbata Sochii Humna Dimooiraatawa Amaaraa


Magaala Baahir Daar (suuraa faayilii)

Mootummaan Itiyoophiyaa duula seera hojii irra oolchuu garee “HIWEHAT” irratti jalqabetti dabalee gochaalee farra-namoomaa gareen sun geggeessaa jiru hawaasa addunyaatti beeksisuu qaba, jedha – Sochiin Humna Dimooiraatawa Amaaraa yokaan EDEHAN.

Dhaabbatni kun, har’a magaalaa Baahir Daar keessatti ibsa gaazzexeessotaaf kenneen, tarkaanfii mootummaan yeroo ammaa humna HIWAAT irratti geggeessaa jiru akka deggru ibsee, bakkawwan yeroo ammaa raayyaan ittisaa dhuunfatee to’ataa jiru deemuun, deggersa hamilee fi galaa kennuu isaallee dubbate – jechuun Aster Misgaanaaw, Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG