Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Humnoota “HIWEHAAT” Irratti Haleelaa "Marsaa Xumuraa ti" Jedhan Ajejan


Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, raayyaan waraanaa biyyattii humnoota “HIWEHAAT” ka naannoo Tigiraay keessaa irratti haleellaa “marsaa xumuraa ti,” jedhan akka jalqaban ajaja kennanii jiru.

Humnonni Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay akka harka kennatan dangaa yeroo kennan eega xumuramee sa’aa tokkoo booda ture – muummichi-ministaraa Abiyyi, kan ajaja haleellaa waraanaa kana kennan.

Gama kaaniin dura-taa’aan Adda Bilisummaa Uuuamta Tigiraay – Dr. Debre-tsiyoon G/Mikaa’el ibsa baasaniin, “deddeebisanii daangaa yeroo gochuudhaan waamicha dhiheessuu kana ka dhageenyuuf, nuti cimnee iddoo cimaa qabannee waan jirrufi. Nuti yeroo hagamiitti ka jedhu irraa yaaddoo hin qabnu. Dhimmi keenya injifattoota tahuu keenya,” jedhanii turan. Haala har’a jiru ilaalchisee, hoogganoota “HIWEHAT” irraa ibsa argachuun hin danda’amne.

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, uummatni Maqalee akka iddoo balaa qabu irraa akka fagaatu gaafatanii jiran. “Uummatni Maqalee fi naannawa ishee akka mana isaa turuu fi manniilee waraanaa fagaatu. Of eeggannaa akka godhu,” jechuun fuula Tiwiiterii isaanii irratti barreessan.

Hawaasni addunyaa immoo gareeleen wal-waraanan lameen akka lola dhaabanii fi gara marii nagaatti dhufan, akkasumas, gargaarsa namoomaaf akka karaa banan gaafataa jiran. Mootummaan Itiyoophiyaa garuu, “kan lola sana dhaabnu gaafa hoogganoonni “HIWEHAT” harka kennatan,” jechuun har’as irra-deebi’ee dubbatee jira, jechuun – Melleskachew Ammahaa, Finfinnee irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG