Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattonni Itiyoophiyaa Haala Gaddisiisaa Keessa Jiru: Oduu Gabaastuu VOA 


Baqattoota Itoophiyaa, Sudaan, Sadaasa 16, 2020
Baqattoota Itoophiyaa, Sudaan, Sadaasa 16, 2020

Baqattoonni Itiyoophiyaa naannoo Tigiraay irraa heddumminaan dhiheenya kana daangaa qaxxaamuranii biyya Sudaan gama Bahaakutaa Gadarif keessaa heddummaachuu, balaa vaayirasii Koronaa daran hammeessa,yaaddoo jedhu aangawoonni fayyaa kan kutaa sanaadubbataa jiran.

Gama kaaniin, Oduu gabaastuun Raadiyoo Sagalee Amerikaa bakka baqattonni Itiyoophiyaa buufatan deemtee akka jettetti haalli isaan keessa jiran hamaa dha.

Jaarmayaaleen gargaarsaa hedduun kan akka dhaaba baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa (UNHCR) fi waldaa fannoo dimaa kanneen faffakaatan gargaarsa barbaachisu ilaalaa kan jiran ta'uus haalli jiru rakkisaa ta'u ibsitee jirti.

Kanneen dheessan ku irra jireessi dhiiroota garu dubartootaa fi ijoolleen akka jiran ibsitee haallii jiru fayyaa isaaniif rakkisaa akka ta'e fi dubartoonni iddoo sanatti mucaa da'an akka jiran ibsamee jira.

Baqattonni kun yaadannoo hamaa kan qaban yoo ta'u ituu gara Sudaanti dheessaa jiranii ijoolee ofii, miseensa maatii isaanii, akkasumas maatii fi ollaa ofii dhabuu isaanii dubbatu.

Namoota Albee fi Qottoon mada'an arguu ishee kan ibsite oduu gabaastuun voa wal'ansii fayyaa argatan garu qubsaa miti jettee Doktoroonni Tigraay keessaa dheessan hanga danda'an baqattoota gargaaraa akka jiran ibsite.

Wal waraansii gaggeeffamaa jiru kun xumuura argataa jedhanii waan hin yaadneef ammaaf Sudaan keessa turu fedhu.Kaan immoo Sudaanuuma keessatti gargaarsii akka kennamuuf gaafatu.Irra hedduun immoo Itiyoophiyaan nagaa taatee deebi'uu fedhu .Jireenya haaraa Sudaan keessatti eegaluu hin fedhan jettuun oduu gabaastuun VOA Naabaa Mohiedeen Sudaan irraa gabaastee jirti.

Baqattonni Itiyoophiyaa Haala Gaddisiisaa Keessa Jiru: Oduu Gabaastuu VOA
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:22 0:00


XS
SM
MD
LG