Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi-ministaraa Sudaan Duraanii Saadiq Al-maadii Du'aan Boqatan


Namni Sudaan keessatti karaa dimoookiraatawaa filataman ka xumuraa - Muummichi-ministaraa Sudaan duraanii Saadiq Al-maadii vaayirasii Koronaa qabaachuun isaanii eega himamee booda, umurii isaanii waggaa 84tti du’aan boqotan.

Paartiin isaanii “UMMA Party” jedhamu ibsa har’a baaseen, Al-maadiin vaayirasii Koronaatiin qabamanii torbanneen sadi’iif Tokkummaa Imeretoota Arabaa keessatti eega wal’aanamaa turanii booda du’aan boqochuu isaanii beksise.

Vaayirasicha qabaachuun isaanii baatii dabre keessa qorannaa godhameefiin ka beekame tahuunis himamee jira. Al-maadiin, bulchiisa isaanii marsaa lammataatti bara 1989 humna waraanaa biyyattiin fonqolcha mootummaa irratti geggeessameen taayitaa irraa buufamanii, bakka isaanii prezidaantii duraanii – Omar Hasan Al-bashir bakka isaanii aangoo fudhatan. Achii booda, prezidaant Bashiir waggoota kurna sadiif taayitaa humnaan qabatanitti cichanii turanii, bara dabre taayitaa irraa buusaman.

Yeroo hoogganni Sudaan jijjiiramaa turetti, Al-maadiin nama dhiibbaa gochuu danda’an akkuma tahanitti turan. Jimaata boorii, magaalaa Sudaan – Omdurmaan keessatti sirni awwaalcha isaanii, paartiin isaanii dabalee beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG