Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Itiyoopiyaa Sudaan Keessa Jiran Weerarri COVID-19 Ka’uu Mala Yaaddoo Jedhu Qabaachuu Ibsaa Jiran 


Faayilii - Baqattoota Itoophiyaa mooraa baqattotaa Sudaan keessati yeroo nyaanni hiramu dabaree eeggatan
Faayilii - Baqattoota Itoophiyaa mooraa baqattotaa Sudaan keessati yeroo nyaanni hiramu dabaree eeggatan

Lammiiwwan Itiyooopiyaa kanneen waraansa naannoo Tigraay jalaa dheessanii mooraalee Sudaan keessa qubatanii jiran weerara COVID-19 saaxilamuu malu soda jedhu uumee jira. Ammaaf namni vaayiresichaan qabme hin jiru, garuu yaaddoon jiru guddaa dha.

Baqattoonni Itiyoopiyaa Sudaan Keessa Jiran Weerarri COVID-19 Ka’uu Mala Yaaddoo Jedhu Qabaachuu Ibsaa Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:15 0:00

Baatii darbe keessa lammiiwwan Itiyoopiyaa 40,000 ta’antu lola Tigiraay keessaa baqachuu dhaan mooraa Sudaan gama bahaa jiru keessa dahatanii jiru. Kanneen gamas seenan mooraalee sadii kan magaalaalee Qadriif fi Kasalaa keessa qubatanii jiru.

Kan umuriin waggaa 32 Tesfaay Alleey fi haati warraa isaa ulfi waraansa sana jalaa baqachuuf Humeraa irraa kan godaanan yoo ta’u amma garuu mooraalee sana keessaa tokko keessatti weerarri COVID-19 isaan mudachuu mala.

Homiraa keessaa vaayiresiin koronaa hangi tokko mudatee jira. Garuu mootummaa dhaan to’atameera. Sababii lolli naannoo sana jiruuf gara Sudaanittan baqadhe jedhe.

Haa ta’u malee sababaa haala jireenya mooraa keessaan kan ka’e tamsa’ina COVID-19, kutaa keessa jiraatanii fi hanqina bishaanii ilaalchisee yaaddoon qaba jedhee jira.

XS
SM
MD
LG