Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummata Amerikaa Waaniin Gaafadhu Qaba: Joo Baaydin


Kan prezidaantummaa Yunaaytid Isteetesiif haaraa filataman Joo Baaydin
Kan prezidaantummaa Yunaaytid Isteetesiif haaraa filataman Joo Baaydin

Kan prezidaantummaa Yunaaytid Isteetesiif haaraa filataman Joo Baaydin lammiwwan biyyatti guyyaa kakatanii aangoo qabatan sana uummanni biyyatti guyyoota 100f aguuggii afaanii fi funyaanii ykn Maaskii akka gargaaramaniin gaafadha jedhanii jiru.

Televiziyoona CNN jedhamuuf kana kan ibsan Baaydinguyyaa 100 gaafadha malee bara isaanii guutuu miti jedhu.Kana gochuun keenya lakkoobsa namoota vaayrasii Koronaan qabamanii fi du'anii akkaan hanqiisuuf gargaara jedhan.

Yunaaytid Isteetes keessatti yeroo kamiin iyyu caalaa lakkoobsii namoota vaayrasii kanaan qabamanii akkaan dabalaa jira.

Gama kaanii filannoo gaggeeffameen Baaydin injifachuun kan labsamee ta'uus Traamp garu fudhataa hin jiran.

Akka aadaa naamusaa kan Amerikaatti filannoo gaggeeffameen namnii injiifatame isa injifatee sanaan baga gammaddee jedhee simata.

Traamp garuu shiratuu hojjatamee, akkan marsaa lammataaf itti hin fuufne ta'e jechuun amma iyyu falmaa jiru.

XS
SM
MD
LG