Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojiin Diplomaasummaa Hojjetame Kan Milkaa’e Jedha Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoopiyaa 


Dubbi himaa ministeera dhimma alaa ambaasaadder Diinaa Muftii
Dubbi himaa ministeera dhimma alaa ambaasaadder Diinaa Muftii

Kutaa Kaaba Itiyoopiyaa keessatti hojiin seera eegsisuu erga xumuamee booda gama hojii diplomaasummaan ba’iin milkaa’ina qabu argame jechuu dhaan ministeerri dhimmi alaa ibsee jira. Rakkoo namoomaaf furmaata kennuun jalqabamuu isaas dubbi himaan ministeerichaa ibsaniiru.

Hojiin Diplomaasummaa Hojjetame Kan Milkaa’e Jedha Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoopiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:14 0:00

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaadder Diinaa Muftii har’a waaree irratti tuuta oduuf ibsa kennaniin torbanneen hanga tokkoof muummichi ministeeraa qabee hanga ministrii dhimmi alaa fi angawoota mootummaa hanga tokkootti hojii diplomaasummaa hojjechuun ko’oommatanii turan.

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed, dura taa’aa gamtaa Afrikaa, garee jila addaa fi qaamotii ka biroof ibsa kennaniin gareen IWEHAT waggoottan lamaan darban oliif jijiirama argame danquuf yakka hedduu raawwachuu isaaf, mootummaan, naannoo Tigraay keessatti tarkaanfiin fudhate seera eegsisuuf akka ta’e ibsuu isaanii ambaasaaderichi beeksisaniiru.

itti aanaa muummeen ministeeraa fi ministriin dhimma alaa Demmeqee Mekonnin immoo biyyoota hollaa Afriikaa fi biyyoota Awrooppaa gargaagaraa keessa naanna’uu dhaan hojii hojjetan illee tarreessaniiru. Keessumaa hojiin seera eegsisuu xumuramera ka jedhame torban darbee qabee, hojii diplomaasummaa hojjetamee illee ambaasaadderichi ibsanii jiran.

XS
SM
MD
LG