Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Prezidaantummaa fi Ka Paarlaamaa Gaanaaf Sagalee Kennuun Jalqabame 


Gaanaa keessaa filannoon prezidaantummaa fi kan paarlaamaa jalqabamee jira. Kaadhimamtoonni 12 prezidantummaaf dorgoman iyyuu dorgommiin sun kan aangoo irra jiran prezidaant Naanaa Akuufoo Addoo fi prezidaantii duraanii Joon Mahamaa gidduutti geggeessamaa jira. Dorgommiin kun namoota lamaan gidduutti erga bara 2012 ennaa Maahamaan Akufoo Addoo injifatanii bara 2016 keessa immoo Akufoo Addoo deebisanii injifatanii qabee yeroo sadaffaaf geggeessamuu isaa ti.

Duartoonni sadii kaadhimamtoota Akufoo Addoo waliin dorgoman 11 keessa kan turan.

Caasaan oduu Koongoo keessa maadheffate qorannaa dhiyeenyaa tuquun akka gabaasetti prezidant Akufoo Addoo sagalee xiqqoo dhan Mahamaa dursaa jiran.

Kaadhimamtoonni lamaan dinagdee guddicha biyyattii sababaa COVID-19n miidhame bakkatti deebisuuf waadaa seenan.

XS
SM
MD
LG