Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Tigraay Keessatti Waraanni Ripxe Loltummaa Jiraachuu Mala Ka Jedhu Haalan 


Faayilii - Muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed
Faayilii - Muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed garee fincile kan Tigraay waliin loltoonni isaanii ji’a tokko oliif wal waraanaa jiran gaarreen naannoo Tigraay keessaa ripxe loltummaatti bobba’uuf dandeettii qabu ka jedhu fudhatama dhabsiisan. Loltoonni Federaalaa magaalaa Meqelee paartii bulchu IWEHAT harkaa fuuchuu dhaan to’achuunis ibsamee jira.

Hoogganoonni IEWHAT garuu adda waraanaa naannoo Maqalee jiru adda addaa keessatti lola irra jiraachuu beeksisan. Hayyoonni Itiyoopiyaa tarkaanfiin humnaa naannoo gaanfa Afriikaa keessa sabatiinsi akka hin jiraanne godha soda jedhu qabaachuu isaanii ibsan.

Hidhattoonni garee yakkamtootaa fi deggertoonni isaanii waraansaan cimoo, haala ga’aan kan hidhatan ta’uu isaanii fi garreen naannoo Tigraay keessatti yeroo dheeraaf balaa ripxe loltummaa oofuu malu kan jedhu haasaa kijibaa facaasaa jira jechuu dhaan muummichi ministeeraa Abiy ibsaniiru.

Gama IWEHAT garuu deebiin kenname hin jiru. Malli quunnamtii adda cite waan jiruu fi hojjettoonni gargaarsaa fi sabaa himaaleen gamas seenuun murtaa’aa waan ta’eef jecha lola gama maraan geggeessamu mirkaneessuun hin danda’amne jechuun Rooyiters gabaaseera.

XS
SM
MD
LG