Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Kutaa Joorjaa Himannaa Tramp Sagaleen Filannoo Wal Dha’e Jedhan Fudhatama Dhabsiisan 


Angawoonni kutaa Yunaayitid Isteetis kan JJoorjaa keessaa prezidaant Doonaald Tramp, filatamaa prezidaantummaa kan ta’an Joo Baayiden shiraan filannoo kutaa Sanaa injifatan jechuu dhaan himannaa isaan dhiyeessan mormanii jiru.

Angawaa dhimmi filannoo gameeyyii kan kutaa Sanaa kan ta’an Brad Raffensperger, dhaabbata oduu ABCf torban kana ibsa kennaniin akka miseensa garee Ripaablikaanii safuutti cichu tokkootti Tramp kutaa Joorjaa keessatti injifatamuu isaaniitti gaddeera, garuu uummati Joorjaa filateera, kanaaf sagalee uummataa kan jijjiiru hin jiru jedhan.

Tramp sambata dabe ripaablikaantichi bulchaan Joorjaa Braayaan Kemp qaama seera tumtoota kutaa sanaa wal ga’ii addaa waamuu dhaan sagalee kenname jijjiiranii sagalee filannoo calaluf kutaa sanaaf kenname Trampiif akka kennan kan gaafatan yoo ta’u kun ta’e iyyuu sagalee Baayiden argatan 306 kan Tramp 232 filannoo sana jijjiiruuf ga’aa miti.

Kemp gaaffii Tramp fudhatama dhabsiisan. Baayiden filannoo Sadaasa 3 geggeessameen kutaa Joorjaa sagalee caalmaa 12,000 argachuun injifatan. Tramp Sambata galgala hiriira mormii Joorjaa keessatti waamuu dhaan Kemp injifannoo Baayiden gamasitti argatan jijjjiiruu diduu isaaniin qeeqanii jiran. Tramp ba’ii filannoo sanaa mormuuf mormii falmii geggeessan itti fufuuf dhaadatan.

XS
SM
MD
LG