Xurree ittiin seenan

Breaking News

Briteen Tallaaii COVID-19 Marsaa Duraa Kennuuf Qophii Xumurte      


Briteen jala bultii duula talaallii COVID-19 jalqabuu geessee jirti.

Hojjettoonni tajaajila biyyoolessa biyyattii fi maanguddoonni waaltaa eegumsa fayyaa keessa jiranii fi kanneen isaan kunuunsan kibxata borii talaallii kampanii dawaa Ameerikaa guddicha Pfizer fi kan Jarmanii BioNTech waliin ta’uun qopheessan isa jalqabaa fudhachuu eegalu. Dhaabbati waa’ee eegumsa fayyaa to’atu kan mootummaa talaallii sana erga raggaasisee booda ture kaka’umsi isaa kan jalqabu yoo ta’u, kunis Briteen uummataaf talaallii kennuu dhaaf biyya gama dhiyaa keessaa isee jalqabaa ta’uuf jirti.

Talaallii kennuun kun kan mirkanaa’e erga yaaliin isaa dhibba irraa harki 90 milkaa’aa ta’uun beeksisamee torbanneen booda. Briteen talaalliiwwan kampaniilee Pfize fi BioNTech dose 800,000 kan argatte yoo ta’u, kunis kan isheen bitatte miliyoona 40 keessaa ti. Firiijii qorri isaa degeree Celsius 70 gadii keessa taa’uun waan irra jiraatuuf talaallii kana erguun haall isaa ulfaataa dha.

Caasaan oduu Briteen akka gabaasetti giiftiin biyyattii maanguddoon waggaa 94 Elizaabeeth fi abbaan warraa isaanii kan umuriin waggaa 99 mootichi Philip amanamummaa talaallichaa uummataaf mirkaneessuuf ennaa tallaalaman kan beeksisan ta’uun ibsameera.

Gama biraan waaltaan Hindii Serem Yuniversitii Oxford waliin ta’uu dhaan kampanii dawaa Briteen Astrazenekaa dhaan oomishamaa jiru talaallii COVID-19 haala yeroo hatattamaaf gargaramuuf gaaffii dhiyeessee jira.

Warshaan dawaa oomishu guddichi kan addunyaa Serum, sababa talaalliin AstraaZenekaa qorra degerees Celsius 2-8 qofaa keessa turuu waan danda’uuf kan Pfizer/BioNTech caalaa kan Oxford simatee jira.

Prezidaantiin Indoneeshiyaa Jokoo Widodoo talaallii vaayiresii Koornaa Chayinaan oomishame biyya ibsanitti ergamuu dilbata kaleessaa labsan. Talaalliin sun Indooneshiyaa dhaan qoratamuu isaaf mootummaanis uummata miliyoona 270 tallaaluuf qophii xumuraa jiraachuu beeksisan.

Yunaayitid Isteetis keessaa kanneen qajeelfama eegumsa fayyaa to’atan talaallii Pfizer/BioNTech kan yeroo hatattamaa kennuuf dhiisuu murteessuuf kamisa dhuftu kan wal ga’an yoo ta’u wal ga’iin inni itti aanu immoo torban booda kampanii dawaa Ameerikaa keessa maadheffate Modernaan talaallii qophaa’aa jiru irratti mari’achuuf jiru.

Ministriin tajaajila eegumsa fayyaa fi namoomaa Alex Azar dhaabbata oduu FOXf dilbata kaleessaa akka ibsanitti bulchiinsi nyaataa fi dawaaa US talaallii Pfizer yoo raggaasise, ogeessonni eegumsa fayyaa sa’aatilee keessatti dhukkubsattoota talaaluu jalqabu jedhan.

XS
SM
MD
LG