Mootummaan Itiyoophiyaa gargaarsi namoomaa lammiwwan kuma dhibba lamaa fi kuma shantamaaf tahu gara naannoo Tigiraayitti ergamee jira, jechuun beeksisee jira. Gurmuuleen gargaarsa namoomaa sana qindeessan hundeessamuu isaas dubbata.
Ibsa Har’a mootummaan gaazzexeessota biyyotoa alaaf kenne kan hordofe - Eskindir Firew Finfinnee irraa akka gabaasetti, sochii gargaarsa namoomaa sana kan hooggamus mootummaa Itiyoophiyaa tahuu ka dubbatan – dubbi-himaan yaa’a odeeffannoo, ka Labsii Yeroo Hatattamaa – Obbo Rediwaan Huseen, Tokkummaan Mootummootaas tahe dhaabbatoonni gargaarsaa qajeelfamoota mootummaa biyyattii fi seera biyyattii kabajuudhaan akka qooda fudhatan hubachiisanii jiran.
Mooraa baqattootaa Shimalbaatti akka deemaa turan kanneen ibsan – hoojjetoonni Tokkummaa Mootummootaa, kellaalee yokaan ulaalee sakattaa lama cabsanii dabranii, sadaffaa dabaluuf ennaa jedhanitti dhukaasni kan isaan mudate tahuu dubbatan – Obbo Reediwaan Huseen.
Kanneen to’annaa poolisii jala jiran – miseensi koree hoji raaw’achiistuu HIWEHAAT fi afo-yaa’iin Mana-maree Fdereeshinii – Aadde Keeriyaa Ibraahimii fi Itti-aanaa prezidaantiin naannoo Tigiraay duraanii – Ambaasaaddar Addisaalem Beellamaa irratti qorannaan akka geggeessamaa jiru kan eeran – Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, “kanneen baqannaa irra jiran – hoogganoonni HIWEHAAT irra-hedduun guyyoota yokaan torbannen xiqqoo keessatti qabamanii murtii seeraaf dhihaatu,” jechuu isaanii – Eskindir Firew Finfinnee irraa gabaasee jira.