Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hokkarri Koonsoo fi Naannoo Sanitti Geggeeffamaa Ture Gab Jechuun Himame


Faayilii - Adababaayii Sumudaa, Hawaasaa
Faayilii - Adababaayii Sumudaa, Hawaasaa

Bulchiisa naannoo Uummatoota Kibbaa, godinaa Konsoo fi naannawa sanatti hookkarri baatiileef geggeessamee ture gab jedhee, nageenyi irra wayyaawaan bu’uu isaa jiraattonni Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Aanaale addaa Amaaroo, Dereshee, Halee fi Burjii keessatti jeeqamnii fi walitti-bu’insawwan yeroo adda addaatti ka’an dhabamuu lubbuu namoota hedduu fi barbadaa’uu qabeenyaa guddaaf sababaa tahuu isaa dubbatu – jiraattonni kun.

Walitti-bu’insaa fi jeeqama kana keessatti namoonni hidhannoo hin qabne 68 ajjeesamuu isaanii fi kanneen kuma dhibba tokkoo fi kuma soddomii sadii tahan manaa fi qehee ofii irraa buqqa’uu isaanii, akkasumas, manneenii fi qabeenyaan tilmaamni isaanii sirriitti hin beekamne barbadaa’uun himamee jira.

“Walitti-bu’insi sun gaaffii eenyummaa irraa ka madde,” jedhamuun kan hafarfamaa ture oduu dharaa ti, kan jedhan Biiroon Bulchiisaa fi Nageenyaa naannoo Kibbaa immoo, gurmuuleen seeraa-alaa magaalaa Gomaayidee keessatti ijaarsa haaraa uumuuf yaaluu irraa rakkoon sun akka uumame dubbata.

Yakka sana keessaa harka qabu, kanneen jedhe – namoota 137 qabee hidhuu isaa, mootummaan bulchiisa naannoo Kibbaa torban dabre keessa beeksisee ture – jechuun, Yonaataan Zebdiwoos, Hawaasaa irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG