Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyotelekom Tajaajila Tigryaay Keessaa Suphuu Irratti Hojjetaan Jira Jedhan


Gareen IWEHAT Tajajilla Sana Kan Mancaase Mootummaa Dha Jechuun Himate

Itiyotelekom caasaalee isaa Tigraay keessaa manca’an bakkatti deebisuuf hojjetaa jiraachuu beeksisee jira. Hoji geggeessituun dhaabichaa Firehiwot Taammiruu har’a tuuta oduuf ibsa kennaniin caasaan bu’uura misooma dhiyeessiin humna ibsaa waan miidhameef madda humna ibsaa ka biroo fayyadamuu dhaan naannoo sana bakka tokko tokkotti tajaajila kennuu jalqabnee jirra jedhan.

Dhaabbati isaanii kan akkaan miidhame misooma bu’uura telekoom ka Maqalee suphuuf hojjetaa jiraachuu isaa dubbatanii, dhaabbatichi kaameeraa to’atu waan qabuuf eenyu miidhaa sana akka dhaqqabsiise quba qba jedhan.

Fakkiin kaameeraa sana irraa argame kan mul’isu jedhan aadde Firehiiwet, namoonni hin beekamne buufata ethio-telekoom seenanii waardiyyaa waajjirichaa humnaan dhiibanii ennaa achii baasan mul’lisa. Waardiyyaan gaabii uffatan sun hanga danda’an ittiin qabanis hin dandeenye jedhan. Namni haguuggii fuulaa uffate tokko gara kutaa caasaan tajaajila telekom diriiree jiruutti erga seenee tajaajila addaan kutanii ba’an jedhan.

Sana booda keellaan sun to’annaa humnoota addaa naannoo Tigryaa jala seenuu fakkiin kameeraa sana irraa argame ni mul’isa jedhan aadde Firehiwet jechuu dhaan Meleskaachoo Ammahaa gabaaseera.

Gama biraan ibsa hoji geggeessituun Itiyoo telekoom tajaajilli bilbilaa fi interneetii naannoo Tigraay keessaa adda citeef suphamaa jiru ennaa ibsan kan badii sana dhaqqabsiise garee Iwehat kan isaan jedhaniif deebii kan kennan Tokkummaa Mootummotaa tti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa kan turan, amma immo TPLF bakka bu'uun Newyork irraa kan dubbatan ambassador Fissehaa Asgedoom VOAf ibsa kennaniiru.

Ambaasaadder Fissehaan akka jedhanitti hoji geggeessituun kun badii dhaqqabe jedhame qaama sadaffaan mirkaneessuun akka hin danda’amne waan beekaniif dhimmi isaas guutummaan to’atanii waan jiraniif addaan cituu telekominikeeshinii hafee rakkoo Itiyoopiyaa keessa jiru maraaf hooggana Tigraay yoo qeeqan, kan isaan tajaajilan mootummaan Finfinnee jirus haala hundumaaf mootummaa Tigraay ennaa hmatuu dhageenyee jirra jedhan.

Tjaajilli bilbila garuu sababaalee lamaan mootummaa naannoo Tigraayiin akka adda hin cinne mirkaneessuun ni danda’ama jedhan. Inni tokkoffaan waraansa sana sana kan jalqabe mootummaan Abiy bakka ofii to’atanii jiran naannoo sana lama gama dhiyaa fi kaabaa keessa tajaajilli bilbilaa jiraachuu isaa ti jedhan. Gara Wallootti bilbiluun hin danda’ama, Humaraa achitti immoo Gonder waliin wal arguun ni danda’ama.

Kan addaan kutan walakkeessa Tigraay fi namoonni alaa akka hin bilbille namoonni Tigraay keessaas walii walii isaaniif akka hin bilbille, bakka ani jiru biyya alaa keessa kanneen jiranis ji’a tokko guutuu maatii isaanii waliin utuu wal hin argin hawaasi Tigraay bo’aa utuu jiruu, bu’aa maalii argachuuf hoogganni Tigraay bilbila kan adda kutu jedhan.

Erga inni adda kutees ofii Maqalee erga seenanii maaf hin hojjechiisne jedhan Tajaajilli bilbila harkaa ala ba’uu dhabus Tigraay keessa akka hojjetu yaalii goonee turre jedhan ambasadder Fissehaan. Madda ibsaa tajaajjila kana maraaf bu’uura ta’e Takazee samii irraan kan kaleele mootmmaa Federaalaa ti jechuun himatan.

XS
SM
MD
LG