Xurree ittiin seenan

Breaking News

KFOn Hoogganoonni fi Miseensonni Isaa Akka HIdhaadhaa Hiikaman Gaafachuun Ibsa Baase  


Mootummaan filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf qophii gochuun dura miseensotaa fi hooggantoota paartilee siyaasaa morkattootaa mana hidhaatii hiikuu qaba jechuun paartiin Koongirasii Federaalawa Oromoo hubachiise.

Dura ta'aan paartichaa piroofesar Mararaa Guddinaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti akka himanitti dirree siyaasaa bal'isuun diimookiraasiin dhugaa Itoophiyaatti akka dhalatuuf mootummaan hidhamtoota paartilee siyaasaa morkattootaa hiikuu qaba.

Dhimma kana irratti hooggantoota Paartii Badhaadhinaa irraa deebii argachuuf carraaqiin goone hin milkoofne.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

KFOn Hoogganoonni fi Miseensonni Isaa Akka HIdhaadhaa Hiikaman Gaafachuun Ibsa Baase
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:19 0:00


XS
SM
MD
LG