Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haarargee Bahaatti Meeshaan Waraanaa Seeraan Alaa Qabamee Jira, Jedha Mootumman


Haarargee Bahaatti Meeshaan Waraanaa Seeraan Alaa Qabamee Jira, Jedha Mootumman
Haarargee Bahaatti Meeshaan Waraanaa Seeraan Alaa Qabamee Jira, Jedha Mootumman

Godiina Haarargee Bahaa keessatti sakatta'iinsa gaggeeffameen meeshalee waraanaa adda addaa qabamuu waajirri polisii goodinaa ibsee jira.Waajiira kanatti itti gaafatamaa kutaa qunnamtii uummataa kan ta'an Inspeektar Tolosaa Goshuu akka jedhanti tarkaanfiin seera kabajsiisuu bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti gaafa jalqabame Onkolooleessa 24 bara 2013 as baatii tokkoof sakatta'iinsii gaggeeffame meeshaalee waraanaan alattis waan adda addaa qabameera jedhu.

Kana waliin walqabatee namoonni 473 to'annaa jala kan oolan yoo ta'u kanneen keessaa 375 mana murtii duratti dhiyeessuuf ragaan irratti qulqqullaa'aa jira jechuun Inspeektar Tolosaan dubbachu Addis Chakkol gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG