Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessatti Qunnamtiin Ture Cituun Dhugaa Lafa Sana Irra Jiru Gabaasuu Danqee: Gaazexxessoota


Faayilii - Nama haasaha muummee ministiraa Itoophiyaa Abiyyi Ahimad toraa interneetiin tamsaasaa jiru, Finfinnee
Faayilii - Nama haasaha muummee ministiraa Itoophiyaa Abiyyi Ahimad toraa interneetiin tamsaasaa jiru, Finfinnee

Mootummaan Itiyoophiyaa bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti seera kabajsisuuf tarkaanfii fudhateen injifachuu isaa labsee jira. Gaazexxessonni akka jedhanti mootummaan tajaajiila Intarneettii fi Telekoom yeroo walitti-bu'insaatti kutuun haala deemaa jiru mirkaneessanii gabaasuuf rakkoo ta'e jira.

Humnootiin mootummaa federaalaa garu Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) tu tajaajiila kana kutee waan ta'eef nu hin ilaallatu jedha.ABUT gama isaan siviloonni hedduun miidhamuu fi humnootiin federaalaa magaala Maqalee haleeluu dubbatu.

Waan gam lameen jedhan kana sababa qunnamtiin hin jirreef jecha dhaabbattonni oduu gurguddaan mirkaneessuu hin dandeenye.

Gabaasa Saleem Salamoon caqasaa.

Tigraay Keessatti Qunnamtiin Ture Cituun Dhugaa Lafa Sana Irra Jiru Gabaasuu Danqee: Gaazexxessoota
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:22 0:00


XS
SM
MD
LG