Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi BarreessaanTokkummaa Mootummootaa Haala Naannoo Tigryaay keessaa ilaalchisuun yaaddoo qabaachuu Ibsan


Faayilii - Muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa, Antooniyoo Guteres
Faayilii - Muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa, Antooniyoo Guteres

Stefen Dujaarik ibsa kaleessa kennaniin muummicha barreessaan tokkummaa mootummootaa ol aantummaa seeraa battala bakkatti deebisuun, mirga namaa guutummaan kabajuun, walitti dhufeenya hawaasummaa babal’isuu, akkasumas akkaataa tajaajilli uummataa itti kennamu deebisanii hundeessuu araara hunda ofitti haammate buusuu fi gargaarsa namoomaa danqaa tokko malee waliin ga’uun barbaachisaa ta’uu isaatu itti dhaga’ama jedhan.

Muummichi BarreessaanTokkummaa Mootummootaa Haala Naannoo Tigryaay keessaa ilaalchisuun yaaddoo qabaachuu Ibsan
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:47 0:00

Tokkummaan mootummootaa kaka’umsa gamtaa Afriikaa deggeruuf murannoo guutuu qaba. Akkasumas tokkummaan mootummootaa dandeettii gutuu walitti qabuu dhaan baqaattoota, lammiiwwan qe’ee ofii irraa buqa’anii fi kanneen rakkina irra jiran maraaf gargaarsa namoomaa ittiin ga’uuf murannoo guutuu qabna jedhan.

Muummichi barreessaan bakka buutta tokkummaa mootummootaa gamas jiran, hoogganoota naannoo akkasumas kan kaleessa waliin dubbatan muummicha ministeeraa Abiy Ahimed waliin marii hedduu geggeessaniin ergaa kana dabarsaniiru jedhan dubbi himaan kun.

Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa duraan dubbatanii akka turan kun dhimmi keessoo biyyattii malee kan hawaasa addunyaa miti jedhanii turan. Ejjennoon isaanii kun amma iyyuu kan hin jijjiiramne yoo ta’u dubbi himaan kun gaafatamanii bakka Itiyoopiyaa bu’ee dubbachuu hin danda’u garuu kan ani jechuu danda’u, marii hedduu geggeessaniiru. Muummichi barreessaan muummicha ministeeraa Abiy, Abiyyis muummicha barreessaaf bilbiluun yeroo ammaa waliin mari’ataa jiru jedhan.

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa gargaarsa namoomaaf daandiin saaqamuun isaa akka mirkanaa’u walii galamuu isaa torban darbe ibsaniiru. Walii galteen sun gama Itiyoopiyaan hojii irra akka hin ooliin gaafatamanii Stephae Dujaarik akka jedhanitti walii galteen sun guutummaan hojii irra ooluu akka qabu sun immoo ni ta’a abdii abdanna jedhan.

XS
SM
MD
LG