Xurree ittiin seenan

Breaking News

Draamaaleen Siitkoomii Afaan Oromoon Dhihaatan Baay’ataa JIran 


Beeksisa Diraamaa siitikoomii "Afraan..."
Beeksisa Diraamaa siitikoomii "Afraan..."

Akaakuun diraamaa televiiziyoonaa koomedii “sitcom” jedhamuu, kan haala yeroo dhaa yerootti nam-fakkoota dhaabbatoo tahan mudatu xiyyeeffachuun torbanii torbanitti agarsiisamuu afaan Oromootiin babal’ataa jira. Draamaaleen kun garii foddaa televiziyoonaan akkasumas foddaalee interneetii kanneen akka Yuutuubiin dhihaatanii daawwatamaa jiru.

Siitkoomiiwwan Afaan Oromoo baay’inaan yeroo wal fakkaataatti akkamiin akka daawwatamaa jiraniifi danqaaleen isaan mudatan maal akka tahan akkasumas furmaatawwan isaanii ilaachisee yaada gama isaanii kennanii jiran, ogeeyyiin Siitkoomii Afaan Oromoo hagi tokko

Qindeessitoonnii fi taatotni siitkoomiilee Afaan Oromoo, dameen bashannanaa kun akka daran guddatuuf gaheen abbootii qabeenyaa fi mootummaa guddaa akka ta'ellee dubbatan.

Guutummaa qophii kanaa caqasaa.

Draamaaleen Siitkoomii Afaan Oromoon Dhihaatan Baay’ataa JIran
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:49 0:00



XS
SM
MD
LG