Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoon waliigalaa Yeroo Biraatti Darbuu Qaba: Paartii Baaldaraas


Bordiin filannoo kan Itiyoophiyaa fi kanneen dhimmi kun isaan ilaallattu hundumtuu filannoo waliigalaa walakeessa waggaa bara 2021 gaggeeffamuuf saganteeffame yeroo biraatti akka darbuuf paartiin Baaldaraas gaafatee jira.

Ibsa Robii har'a baasee kanaan paarlaamaan Itiyoophiyaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) fo Onag Shanee jaarmayoota shoroorkaa jechuun akka labsan gaafatee jira paartiin Baaldaraas.

Miseensoonni paarlaamaa Itiyoophiyaa mootummaan wixinee murtii dhiyeessuun gareen lameen kun shoroorkeessoota jedhamuun akka raggaasifamuu gaafataa turan.

Paartiin biyya bulchaa jiru garu siyaasa Itiyoophiyaa keessatti qoodii ABUT qabaatu kan ilaaleen murtiin dhumaa hin kennamiin jira jechuun ibsee jira.

XS
SM
MD
LG