Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummen Ministiraa Abiy Ahmed fi Prezdent Keeniyattaan Seensa Daangaa Mooyyalee Haarawa Eebbisiisan


Muummen Ministiraa Abiy Ahmed fi Prezdent Keeniyattaan seensa daangaa Mooyyalee haarawa yeroo eebbisiisan, Muddee 9, 2020
Muummen Ministiraa Abiy Ahmed fi Prezdent Keeniyattaan seensa daangaa Mooyyalee haarawa yeroo eebbisiisan, Muddee 9, 2020

Muummeen Ministiraa Abiy Ahmed daawwannaa guyyaa lamaaf Keeniyaa jiru.

Harra Karaa Mooyyalee gara ollaa Keeniyaa kan seenan Abiy Ahmed, ijaarsa daandii Hawaasaa haga Mooyyalee fi kan Isiyoolloo haga Mooyyalee kiiloomeetira kuma tokko dheeratu Prezdentii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa duuka eebbisiisanii jiru.

Fulaa daandii tokkoon tajaajila guutuu ka kennu daandiin guddaan biyyoota lameeniin ijaarame kun lammilee Itiyoophiyaa fi Keeniyaaf carraa hojii gaarii banaa jedhu gaggeessitoonni lameen.

Muummen Ministiraa Abiy Ahmed fi Prezdent Keeniyattaan Seensa Daangaa Mooyyalee Haarawa Eebbisiisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:13 0:00

Yoo dubbatanis Muummeen Ministiraa itiyoophiyaa Abiy Ahmed, warra naannoo kana jiraatuuf waan kuni misiraachoo guddaa dha jedhan.

Muummeen Ministiraa Abiy daandiin haarawa tolfamee biyya lameen wal qunnamsiise kun ‘daangaa’ saboota jidduu jiru, ni hambisa, namallee irra caalaa walitti fidaa jechuun dubbatan. Jiraattonni naannoo daangaa jiraatanis guddina diinagdeef waliif akka tumsan gaafatan.

Muummen Ministiraa Abiy waan nageenyaarratti keessumaa jiraattonni naannoo akka nageenya naannoo isaanii hordofan gaatanii, maqaa dhahaniis OLF/ABO fi Al Shaabaab warra naannoo kan nagaa dhorku jechaan yakkaniiru. Yeroo dubbatanittis “waanti an isinii dhaamu kaan akkuma bu’urri misoomaa kun hojjetamee akka xumuramu shora taphattan, gama nageenya eegsisuunis akkasuma itti gaafatama keessan akka baatanuudha. Sababnisaas nagaa male ummata keenyaaf nuti waan takka raawwachuu waan hin dandeenyeefi. Keessumma ABO fi Al Shabaabiin naannoo kan keessaa yoo baasne lammilee as jiraatan akka obbolaatti gammachuun akka wal faana jiraatan taasisuun hagam akka dandaa’amu ilaaluu dandeessuu” jechuun dubbatan.

Muummee Ministiraa Abiy Ahmed’n Mooyyaletti ka simatan Pirezdent Keeniyaattaanis dhimma lamarratti xiyyeefatanii dubbatan. Tokko waan diinagdeeti. Keessumaa walitti dhufeenya ‘nagaa’ ka qaban Keeniyaa fi Itiyoophiyaan gama diinagdeenis waliin tumsuu qabuu jedhan.

“Waanti nuti feenu walitti dhufeenyi biyyoota lameenii akka fooyyawudha; kun dhugaa akka tawuuf ammo isin warri Mooyyalee Itiyoophiyaa gamaa fi ka Keeniyaa keessa jiraattan gahee guddaa qabdu. Bulchaan Maarsabiit Mohaammed Aliinuu akka jedhe, Mooyyaleen kun, akka Dubaay giddu gala daldalaa naannoo kanaa ta’uu malte.

Dargaggoonni Itiyoophiyaa fi Keeniyaa dhufanii carraa Mooyaleen jirurraa fayyadamoo ta’uu qabu; kun dhugoomnaan michummaan keenya dhugaadha.” Uhuuruu Keeniyaattaa.

Lammee ‘rratti Keeniyaattaan kan dubbatan waa’ee nageenyati. Nageenyi bu’ura waa maraa tahuu eeraniis sagantaa muummene Ministiraa Abiy Ahmed turmaata isaanii Keeniyaa guyyaa lamaa keessatti qabanis ibsaniiru.

Muummen ministiraa Abiy Ahmed dubbii isaanii keessatti OLF/ABO’ maqaa shorokeessummaan himachuu ilaalchisee yaada akka kennan Obbo Battee Urgeessaa yeroof hoogganaa Sabqunnamtii ABO ka ta’n gaafannee turre.

Obbo Batteen, ABO’n paartii galmaayee fudhatama argatee jirudha; kanaaf akaks maqaa ABO’ Al Shabaab duuka kaasuun dogongora ‘Seenaatii’ jedhanii, yoo wanni akkasii uumamu haalli Paartileen siyaasaa itti wal gaafatanis jiraachuu dabalanii eeranii jiru.

Turtii isaanii guyyaa lamaaf tura jedhameen Muummeen Ministiraa Abiy boru gara Lamuu dhaqanii qaama pirojektii harra eebbisiisanii ilaalu jedhameetu eegama.

Waajjirri Muummicha Ministeera Itiyoophiyaa garuu, Muummeen Ministiraa Abiy Ahmed ABO’ isa galmaayee jiru miti kan Al Shabaab duuka himatee jedhe. Biil’llenee Siyyum itti gaafatamtuu waajjra pireesii Muummicha Ministeeraa “Abiy Ahmed ka ABO’ jedhan ka galmaayee jiru adoo hin taane kan hidhatee bosona jiru ABO Shanee dha” jechuun VOA’tii himteerti.

Ingiliffaan LAPSSET jechaan ka beekamu Pirojektiin diriirsa bu’uraalee misoomaa bara 1975 ka yaadame yoo tahu, galmi isaas Itiyoophiyaa dabalatee biyyoottan Afriikaa bahaa gama bu’uuraalee misoomaan wal qunnamsiisuudha.

XS
SM
MD
LG