Xurree ittiin seenan

Breaking News

Weerarri Dhibee Busaa Naannoo Amaaraa Keessatti Ka’e Jedhame 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)
Baatilee shanan darban keessa naannoo Amaaraa keessaa namoonni 300,000tti hedaman weerara dhibee busaan miishamuu isaanii institiyuutiin eegumsa fayyaa hawaasa naannoo Sanaa beeksisee jira. Torbaitti namoonni kuma 23 ta’an dhibee kanaa kan qabaman ta’uu kan ibse institiyuutiin kun akka ibsetti weerarri kun akka hammaatuuf sababaan of dagachuu hawaasaa ti jedhee jira.

Dhibeen kun bira weeraraan naannoo sana keessatti ka’uu kan ibsan institiyuutii fayyaa hawaasaa naanno Amaaraatti gorsaa dhimmi farra dhibee busaa obbo Amaaree Destaa ti. Keessumaa waggaa darbe yeroo dhuma wal fakkaatu waliin ennaa ilaalamu weerarri kun dabaluu kan ibsan yoo ta’u nuusa waggaa kanaatti gamaaggama geggeessameen uummati kuma 100 ta’u weerara dhibee busaan miidhamuu isaanii ibsanii jiran.

Namoonni duraan itti gargaaramaa kan turan saaphana siree dagachuu fi naannolee bishaan kuusan irratti hojiin waan hin hojjetaminiif dhibeen kun hammaachuu obbo Amaareen ibsaniiru.

Naannoo dhibeen busaa hammaatetti keemikaalli biifamuu, saaphanni siree raabsamuu ibsuu dhaan uummati of dagachuun fayyadamuu akka dhaabe illee ibsanii hawaasichi saaphana sireetti akka gargaaramu akkasumas mala ittisa dhibee kanaa hojii irra akka oolchu obbo Amaareen waamicha dabarsaniiru.

XS
SM
MD
LG