Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daanshaa,Humaraa fi Maaykaadraatti Kan Imalee Oduu-gabaasaan VOA Maal Arge?


Faayilii - Miseensota milishaa naannoo Amaaraa, Daansha

Daanshaan magaala jalqaba walitti bu'iinsii keessatti jalqabamee fi To'annaa mootummaa jala seentee ta'u kan ibsuu Yonaataan Zabdiwoos nagaan magaalatti keessaaa deebi'aa akka jiru jiraattonni naa ibsanii jiru jedha.

Daldalaa fi sochiin biroon akka durii guutuummaan ta'u baatuus jalqabamuu isaa garu amma iyyu tajaajiilli ibsaa fi tajaajiilli hawaasaa uummanni argachuu qabu akka hin jalqabamnee fi rakkachuu isaanii jiraattonni dubbatan jedha.

Wal waraansa ta'een midhaan qaamaa fi qalbii akka isaan mudatee akkasumas godaansaaf saaxilamuu isaan dubbatan jedha.

Oduu gabaasaan Raadiyoo Sagalee Amerikaa(VOA) Yonaataan Humaraa yeroo seeneetti waan argees ibsee jira.Magaala Humaraa humna addaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa, raayyaa ittisa biyyaa fi milishatu to'ata jedhee daldallii akka durii hin jiru, namoonnis mana ofii keessa oolu jedhee.Kana irratti immo tajaajiilli ibsaa fi bishaanii akka hin jirre dubbata.

Magaalaa Maaykaadraa yeroo ilaaleetti haallii jiru ulfaataa fi fuula namootaa irraa kan dubbifamuus jeeqamoo ta'u isaanii agarsiisa.Namoonni hedduun ajjeefamanii bolla tokkotti lafa itti awwalaman arguu isaa fi yaadii uummataa miidhamaa akka ta'e ibse.Tajaajilli Ibsaa, Intar-Nettii hin jiru jedha.

Waluumaa gala magaala Daanshaa irraa kan hafee Humaraa fi Maaykaadraa keessatti namnii eegumsa malee olii-gad hin deemu.Namoonni dhunfaas qawwee qabatanii deemu.Mootummaan sivilootaan meeshaa hin qabatinaa jedhee labsaa akka jiru oduu gabaasaan VOA Yonaataan Zadiwoos ibsee jira.

Yaadawwan Ilaali (6)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG