Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Tajaajila Teelekoomii Dhaabbilee Nageenyaa Biyyattii Wal qunnamsiisu Hundeessite


Waajjiraalee fi dhaabbilee nageenyaa mootummaa keeniyaa walitti fidaa ka jedhame tajaajilli teelekoomii haarawi dhaabteera. Maqaa National Security Telecommunications Service jedhamuun ka hundaaye tajaajilli kun kaleessa kan eebbifame yoo tahu, ergamisaa dhaabbilee nageenyaa Keeniyaa, ka basaasaa fi kaan toora wal qunnamtii tokko keessa galchuudha.

Keeniyaan Tajaajila Teelekoomii Dhaabbilee Nageenyaa Biyyattii Wal qunnamsiisu Hundeessite
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:56 0:00

Waan kana ka eebbisiisan prezdentiin biyyattii Uhuuruu Keeniyaattaa amma dhaabbileen nageenyaa biyyattii rakkoo tokko malee yeroo gabaabaa keessatti odeeffannoo wal jijjiiruu dandawuu jedhan.

Keeniyaattan, adoo toorri wal qunnamtii kun hin diriirfamin, dhaabbileen nageenyaa keenya toora odeeffannoo ittiin wal jijjiiran dhuunfaa dhuunfaatti qofaa akka qaban himani. Martinuus toora qunnamtii adda addaa waan qabaniif walii isaanii odeeffannoo wal jijjiiruuf baayyee rakkisaa ture jechuunis dabalanii dubbatanii jiru.

“Kana malees teessumti lafaa keenya rakkisaa waan ta’eef dhuunfaatti meeshaan wal qunnamtii isaan qaban ka biyya guutuu gahu hin turre. Amma garuu toora wal qunnamtii amma mijate Kanaan dhaabbileen nageenyaa marti karaa tokkicha akka wal argan ta’eera. Kanaaf raayyaan ittisa biyyaa, tajaajilli poolisii biyyaalessaa Keeniyaa, warri waajjira basaasaa fi kaanis salphaatti wal qunnamu jechuudha” Prezdent Keeniyaattaa

Keeniyaattaan toorri wal qunnamtii haarawi kun dhaabbileen dafanii odeeffannoo akka wal jijjiiran qofa odoo hin taane, trakaanfii malus dafanii akka fudhataniif karaa banaa jedhan. Toorri kun dhaabbilee nageenyaa biyyattii wal qunnamsiisuu qofaa odoo hin taane, Embaasiwwan Keeniyaa fi ergamtoota dhaabbilee nageenyaa Keeniyaa ergamaaf biyyaan ala jiran wal qunnamsiisuus danda’aa jedhameera.

Ji’a ja’a dura ajaja Prezdent Keeniyaattan tajaajila kana ka hundeessan ajajaan waraanaa Keeniyaa General Robert Kiboochii, toorri wal qunnamtii kun sagalee, barreeffamaa fi suur sagaleen namoota kan wal qunnamsiisuu kan dandawuudha jedhan.

Ministeerri Raayya Ittisa Biyyaa Keeniyaa Moonikaa Jumaas, duraan meeshaaleen wal qunnamtii dhaabbilee nageenyaa biyyattii dhaabbilee dhuunfaan waan dhiyaataa tureef kun iccitiin mootummaa harka nama hin malleerra akka hin buuneef gaaridha jedhan.

XS
SM
MD
LG