Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Itiyoophiyaa Gaazexxeessaa Daawwiit Kabbadaa Haal Duree Tokko Malee Hiikaa: CPJ


Miseensoota Preesii kanneen ta'an Dorsisuun akka dhaabatuuf kan gaafate koreen mirga Gaazeexxisootaaf falmu, CPJ-n gaazexxeeessaa Daawwiit Kabbadaa battalumatti hiikaa jedhe.

Sadaasa 30 bara 2020 polisoonni Fedeeraalaa gaazexxessaa Daawwitiinkana kan hidhan yoo ta'u innis oduu gama marsariitiin dhiyaatu kan Auraambaa Taayms jedhamuuf gulaalaa ture.

Daawwiit yeroo qabameetti mana nyaataa Finfinnee tokko keessa hiriiyyoota isaa waliin dhiyaana nyaataa turan jechuun obboleessi isaa Amerikaa keessa jiaatuu fi haatii warraa Daawwiit ergaa barreefamaa naa ergan jedha CPJn.

Gaafa Muddee 1 immo polisiin Federaalaa mana Daawwiit dhaqanii sakatta'uun barruulee, meeshaa sagalee ittiin waraaban, bilbila harkaa,sii dii(CD) fudhatan jedhu

XS
SM
MD
LG