Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Affaar fi Somaalee Gidduutti Walitti Bu'iinsii ture Dhaabatee Jira: Angawoota


Faayilii - Naannoo Somalee ganda Sariir, Amajjii 13, 2020
Faayilii - Naannoo Somalee ganda Sariir, Amajjii 13, 2020

Bulchiinsoota naannooee Affaar fi Somaalee giddutti guyyaa lamaaf walitti bu'iinsii gaggeeffamaa ture Wiixata kaleessa dhaabachuu isaa waajiroonni komunikeshinii gam lameenii ibsanii jiru.

Dilbata darbee haleellaan ana irratti gaggeeffame jechuun jalqaba kan ibsa baasee waajiira Komunikeeshinii Somaalee yoo ta'u jiraataan aanaa Afdam Xaahir Faaaraah akka jedhanti jiraattoota keessaa 36 ajjefaman jedhu.

Bulchiinsii naannoo Affaar akka jedhutti garu walitti-bu'iinsii kan uumamee Affaar keessa bakka Gawwaanee jedhamtutti jedha.Kan haleellaa kana gaggeessanis humnootii bulchiisa naannoo Somaalee ta'u dubbata.

Badii gam lameen irra ga'e garu waajiroonni gama lameenii hin ibsinee jechuun Addis Chekkol gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG